Fana: At a Speed of Life!

Aadde Firehiiwoot Taammiruu badhaasa hojii raawwachiiftota olaanoo ciccimoo Afrikaa injifatan

Finfinnee, Adoolessa 23, 2014 (FBC) – Hoji Raawwachiiftuu Olaantuun Ityoo Teelekoom Aadde Firehiiwoot Taammiruu damee telekominikeeshiniin badhaasa Hojii Raawwachiiftotaa Olaanoo Ciccimoo Afrikaa 2022 injifataniiru.

Badhaasicha kan argatan sagantaa “The Business Executive” kan Miidiyaa “Pan west Africa” Gaanaatti argamuun Badhaasaa Hojii Raawwachiiftota Ciccimoo Afrikaa 2022 Moorishiyeesitti qopheesserratti ta’u ragaan Ityoo Teelekoom irraa argame ni mul’isa.

Dhaabbanni miidiyaa kun, Afrikaa keessaa hoji raawwachiiftota damee daldalaarratti bobba’an 17, galmoonni misoomaa Dhaabbata Mooummoota Gamtoomanii, Afrikaatti akka milkaa’uuf damee irratti bobba’aniin gumaacha taasisan dorgomsiisuun badhaasuun ibsameera.

Damee teelekominikeeshinin Teelekoomiin Morokoo, Saafaariikom Keeniyaa, Atisaalat Ijipti akkasumas, Ityoo Teelekoom dorgomtoota kaadhamaamtootaa ta’uun dhiyaatan keessaa hoji Raawwachiiftuu Olaantuun Ityoo Teelekoom Aadde FirehiiwootTaammiruu badhaasa hoji raawwachiiftota ciccimoo Afrikaa 2022 injiftaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.