Fana: At a Speed of Life!

Aadde Mufaariyaat Kamiil Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti barreessituu olaantuu dhimmoota ijaarsa siyaasaa fi nageenyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC) – Ministirri Ministeera Nageenyaa FDRI aadde Mufaariyaat Kamiil Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti barreessituu olaantuu dhimmoota ijaarsa siyaasaa fi nageenyaa waliin mari’ataniiru.

Aadde Mufariyaat Kamiil Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti barreessituu olaantuu dhimmoota ijaarsa siyaasaa fi naageenyaa Roozmeerii Diiyaakaarloo,Gaanfa Afrikaatti barreessaa olaanaa jila addaa Paarifeet Onaagaa Anaayaangaanii fi Ityoophiyatti qindeessaa jiraattootaa fi dhimmoota mirga namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Dooktar Kaatriin Sooziin waajjira isaaniitti simachuun
dhimmoota garagaraarratti mari’ataniiru.

Marichaan aadde Mufariyaat, ministeerichi erga hundaa’e hojiwwan gurguddoo hojjechaa turuu ibsuun, biyyattittii rakkoo nageenyaa mudata ture gara nageenyaa waarawaatti deebisuuf sosochii bal’aan taasifameera jedhan.

Ityoophiyaan siyaasaan, diinagdee fi damee hawaasummaan jijjiirrama guddaa fidaa jirti kan jedhan aadde Mufariyaat, ijaarsa siyaasaa fi hojii nageenyaarratti xiyyeeffannoo guddaa kennuun hojjetamaa jira jedhaniiru.

Ministeerichi sagantaa tajaajila tolaa ooltootummaa biyyaalessaa dabalatee sadarkaa biyyatiitti dargaggoota fi dubartoota fayyadamoo taasisuuf kan gargaaran sagantoolee garaagaraa qopheessuuf karoorfatee hojjetaa jira jedhan.

Kaayyoonsaa inni guddaan ilaalcha ijaarsaa siyaasaaa fi aadaa jijjiiruudha jedhan aadde Mufariyaat.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti barreessituu olaantuun dhimmoota ijaarsa siyaasaa fi nageenyaa gama isaaniin, Ityoophiyaan ijaarsaa siyaasaaa fi aadaa irratti biyya muuxxannoo cimaa qabdu ta’uu himaniiru.

Yeroo itti aanuutti ammoo Ityoophiyaa waliin dhimmoota garaagaraarratti waliin kan hojjetan ta’uu himaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.