Fana: At a Speed of Life!

aa’iin dureewwan Gamtaa Afrikaa 33ffaan xumurame

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC) – Yaa’iin dureewwan Gamtaa Afrikaa 33ffaan xumurame.
 
Yaa’ichi magaalaa Finfinneetti Gurraandhala 1 – 2,2012tti gaggeeffamaa tureera.
 
Yaa’iin baranaa mata duree ” Misooma Afrikaatif haala mijataa uumuuf, sagalee meeshaa waraanaa dhabamsiisuu” jedhuun gaggeeffamaa turuun kaleessa halkan xumurameera.
 
Dhaabbilee Gamtaa Afrikaa ilaalchisee murteewwan hoji raawwachiistuun ragga’an, yaa’iin dureewwanii raggaasiseera.
 
Ityoophiyaa dabalatee biyyoonni 10 miseensa Mana Maree Nageenyaa Gamtaa Afrikaa ta’uudhan filatamuun ni yaadatama.
 
Yaa’ii 33ffaa kanarratti preezdaantonni biyyoota miseensa gamtichaa 32, itti aantonni preezdaantii 3, muummeewwan ministirootaa 7 fi ministiroonni dhimma alaa, akkasumas muummeewwan ministirootaa biyyoota minseensa gamtichaa hin taane 3 hirmaataniiru.
 
Barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereez dabalatee hoggantoonni olaanoon dhaabbilee idil addunyaa fi giiftii dureewwan biyyoota miseensota gamtichaa 18 yaa’ii kana cinaatti walga’ii garagaraa gaggeessaa turaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.