Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Adaamii Tulluutti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 7 darbe

Finfinnee, Sadaasa 25, 2013 (FBC)- Godina Shawaa Bahaa aanaa Adaamii Tulluutti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuu namoota 7 darbeera.
Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa ganda qonnaan bulaa Galoo Rapheetti balaa konkolaataa kaleessa galgala qaqqabeen lubbuun namoota 7 battaluma yoo darbu, 5 irraa ammoo miidhaa qaama cimaa qaqqabuu Qajeelchi Poolisii godina Shawaa Bahaa beeksiseera.
Konkolaataan Minibaasii Buttaajiraarraa gara Baatuutti imalaa ture galagaluun balicha qaqqabsiisera.

Balichaan daa’imman 4 osoo miidhaan irra hin qaqqabiin hafuu isaanii himameera.

 

Sababiin balaa kanaas ariitiin konkolaachisuu ta’u, Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Bahaatti Itti gaafatamaan divizhinii kominikeeshinii fi miidiyaa komaandeer Aschaaloo Alamuu Faanaa Broodkaastingi Koorporeetitti himaniiru.
Iddoosaa Abdiitu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.