Fana: At a Speed of Life!

Buufata Sakattoo Nageellee Booranaatti meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 2.6 olitti tilmaamaman to’annaa jala oolan

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2014 (FBC) – Buufata Sakattoo Nageellee Booranaatti meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 2.6 olitti tilmaamaman to’annaa jala ooluu qajeelchi poolisii godina Booranaa beeksiseera.
Buufata Sakattoo kanaatti meeshaaleen kontiroobandii Birrii miiliyoona 2 fi kuma dhibba 6 fi kuma 59tti tilamaamaman to’atamuu ibsameera.

Meeshaaleen to’annaa jala oolan uffatalee, qorichoota seeraan alaa, meeshaalee rifeensaa fi kopheewwan akkasumas bilbiloonni ismaartiin  keessaatti argamu jedhameera.

Dabalataanis baalli sammuu namaa haadochuu kiiloo giraamni 60 poolisiin magaalaa Bulee Horaa fi aanaa naannichaa sakattoo taasisaniin shakkamtoota waliin to’annaa jala ooluu ibsameera.

Xilaahuun Yilmaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.