Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Alangaa Federaalaa obbo Jawaar Mahaammadfarraatti himata banuuf beellama guyyoota 15 gaafate

Finfinnee, Hagayya 29, 2012 (FBC) – Abbaan Alangaa Federaalaa obbo Jawaar Mahaammadfarratti himata banuuf beellama guyyoota 15 gaafate.
 
Abbaan Alangaa Waliigalaa ragaalee qorannoo duraa hafan xumuruu beeksiseera.
 
Obbo Jawaar Mahaammad dabalatee shakkamtoota 14 irratti himata banuuf beellama guyyoota 15 gaafateera.
 
Abuukaattoonni shakkamtoota kanneenii gama isaaniin abbaa alangaaf guyyoonni 15 kennamuu hin qabu jedhuun mormaniiru.
 
Shakkamtootaaf mirgi wabii yaa eeggamu jechuun gaaffii dhiyeessaniiru.
 
Manni murtichaa gaaffii fi iyyannoo gama lachuu qoratee ajaja laachuuf beellama jijjiirraa Qaammee 2,2012tti laateera.
Taariik Addunyaattu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.