Fana: At a Speed of Life!

Abbaan alangaa waliigalaa FDRI olaantumma seeraa kabachiisuf nan hojjedha jedhe

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2012 (FBC) – Abbaan alangaa waliigalaa FDRI olaantumma seeraa kabachiisuf nan hojjedha jedhe.

Abbaan alangaa waliigalaa FDRI ibsa har’a baaseen sirnaa haqaa cimsuu, olantummaa seeraa kabachiisuu fi hojii kabachiisu cimsee itii fufuuf hojiiwwan hedduu raawwachaa jira.

Keessumattuu, mootummaan sirna seeraa fi haqaa fooyyesuuf xiyyeeffannoo taasiseen ogeessoota seeraa ofi keessatti kan hammate yaa’ii gorsaa dhimmoota seeraa fi haqaa hundeessuun seeroota dirree mirga namoomaa fi dimookiraasi bal’isuu danda’u foyyeeseera jedha.

Gama biraatin ammoo mirgi namoomaa cabuu, iddoo tokkotti lubbuu nama dabarsuu fi malaammaltummaa cimaa raawwataniiru jedhamanii kan shakkamaan anga’oonni mootummaa, hoggantoonni hojii akkasumaas gocha kana keessatti namoonni hirmaatan  to’atamuun dhimmi isaanii mana murtiin akka ilaalamu ta’eera, fuldurattis ni raawwatama jedheera.

Haata’utii yeroo dhiyoodha as kutaalee biyyatti garagaraatti gochi yakkaa baayyachaa dhufuun keessumattu saba yookiin naannoolee giddutti walitti bu’iinsa garee fi namoota gidduutti ka’u naannoon yakki itti uumame shakkamtootni seera jala akka oolanii fi qorannoo fi himata banuuf adeemsa irratti akka argamu ibseera.

Kana waan ta’eef namoota yakka hojjetan mana murtiitti dhiyeessuf sababiin tokko akka hin jirre ibsa isaan himeera.

Olaantumaa seeraa kabachiisuun dhimma waliigalteef dhiyaatu miti kan jedhe abbaan alangaa waliigala FDRI hawasni namoota yakka raawwatan seeratti akka dhiyaataniif tumsa akka taasisu gaafateera.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.