Fana: At a Speed of Life!

Abbaan taayiitaa daandiwwanii Oromiyaa gamaaggama raawwii hojii baatii jahaa gaggeesse

Finfinnee, Amajjii 16, 2013 (FBC) – Abbaan taayiitaa daandiwwanii Oromiyaa gamaaggama raawwii hojii baatii jahaa fi kallattii hojii itti aananii gaggeesseera.
Waltajjicharratti gabaasni raawwii hojii godinaalee 21 dhiyaateera.
Raawwiin hojii godinaalee Gujii lixaa, Baalee, Bunnoo Beddeellee fi Jimmaa gaarii ta’uu ibsameera.
Raawwiin hojii godinaalee Qellam Wallaggaa, Shawaa Kaabaa fi Wallagga Lixaa gadi aanaa ta’uu gabaasa dhiyaateerratti ibsameera.
Bara kana ijaarsi daandii Kiloo meetirri kuma 2 fi 80 ol hojjatamaa akka jiru daayreektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Daandiwwanii Oromiyaa Injiinar Dajanee Fiqaaduu ibsaniiru.
Akka sadarkaa naannootti hanga kurmaana 2ffaa daandii Kiloo meetira 550 fi riqichoota 200 ol baasii birrii biliyoona 1.2 oliin hojjetamuu Injiinar Dajanee Fiqaaduu himaniru.
Cimninaa fi hanqilaalee hojii keessatti muudatanirratti mari’achuun kallattiin kaa’ameera.
Daagmaawwii Deeksiisaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.