Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa gamaaggama raawwii hojii kurmaana 3ffaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Eebila 21, 2013 (FBC)- Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa gamaaggama raawwii hojii kurmaana 3ffaa fi marii kallattii hojii baatiwwan itti aananii gaggeessaa jira.

Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa gamaaggama raawwii hojii ijaarsa proojektoota daandii fi riqaalee hanga kurmaana 3ffaa bara 2013, marii fi kallattii hojii ijaarsa proojektoota daandiiwwanii fi riqaalee kurmaana itti aananii hojjettoota Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa waliin Magaalaa  Bishooftuu Hoteela Yaatuutti gaggeessaa jira.

Daayreektarrii olaanaa Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa Injiinar Dajanee Fiqaaduu, Kaayyoon gamaaggamichaa raawwii hojii kurmaana 3ffaa bara 2013 gamaaggamuun hojii gaarii hojjetame itti fufsiisuu, kan hudhaa ta’animmoo furmaata itti kennuudha jedhaniiru.

Gamaaggamni kun guyyaa lamaaf akka turu himanuuniiru.

Haaluma kanaan qaamolee hojii gaarii hojjetan kan galateeffatan yoo ta’u, warreen proojektoota yeroon xumuruu dhiisanii sababoota hin malleen harkisanirrattimmoo tarkaanfiin barbaachisaa akka isaanirratti fudhatamu Injiinar Dajanee himaniiru.

Riqaa fi daandii hojjechuuf Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa maallaqa Birrii biiliyoona 2.9 karoorfatee hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Kaffaaloo Shifarraatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.