Fana: At a Speed of Life!

Abbaan taayitaa daandiwwan Ityoophiyaa giddugala agarsiisa dhaabbii ijaarsise eebbisiise

Finfinnee, Gurraandhala 13, 2012 (FBC) – Abbaan taayitaa daandiwwan Ityoophiyaa giddugala agarsiisa dhaabbii ijaarsise eebbisiise.

Giddugalichi adeemsa seenaa dhaabbatichaa, ga’ee inni biyyaaf buusee fi deemsa baroota keessatti taasise sanadaa fi meeshaan kan of keessatti qabatedha.

Dabalataniis, seenaa dhabbatichaa guutummatti suuraan qindeessun akkasumas dhaabbatichi adeemsa ijaarsa daandii hanga ammatti daandiwwan darbaan bifa fiilmiin seenaa agarsiisus kan haammatedha jedhame.

Fulduratti Ityoophiyaan damee misooma daandiin bakka ga’uu qabdu mul’atni agarsiisu giddugalicha keessatti hammattameera.

Giddugalichi daawwattootaf banaa ta’e tajaajila akka kennu ragaan abbaa taayitaa daandiwwan Ityoophiyaarra argame ni muldhisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.