Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Taayitichaa eeyyama Televizhiinii Tajaajila Maahibere Qiddusaanii yeroof dhorke

Finfinnee, Caamsaa 13, 2015(FBC)- Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa Yeroof eeyyama Televizhiinii Tajaajila Maahibere Qiddusaanii dhorkuu ibse.

Teleevizhiinichi Caamsaa 13, 2015 Oduu Simbirtuu jechuun, haala gahee miidiyaalee amantaa ala ta’eeniifi Walgahii Sinoodoosii Manni Amantaa Ortodoksii Waloomaa gaggeessaa jiru jeequufi uummata walitti bu’iinsaaf kakaasuu danda’uun ergaa tamsaasuun isaa mirkaneeffatamuu abbaan taayitichaa ibseera.

Kunis labsii miidiyaalee kan cabsuufi nageenya biyyaa irra miidhaa geessisuu kan danda’u ta’uu eereera.

Miidhaa dhimmichi geessisuu danda’u yeroo ittaanutti boordii abbaa taayitichaan ilaalamee hanga furmaanni waaraa laatamutti eeyyamni miidiyichaa yeroof dhorkamuu Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa beeksiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.