Fana: At a Speed of Life!

Abbayyaan Ityoophiyaa qofaaf utuu hintaane addunyaaf kan kennameedha-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 6, 2014 (FBC) – Abbayyaan Ityoophiyaa qofaaf utuu hintaane qabeenya umamaa addunyaaf kennameedha jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Sirni guutiinsa bishaan Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa gaggeeffameera.

Sirna guutiinsaa kanarrattti Muummeen miistiraa Abiy Ahimad haasawaa taasisaniin, hidhicha marsaa 3ffaa bifa milkaa’een guutuun fiixeerraan dhangala’uu eegaluutti baga gammaddaan jedhan, qaamolee milkaa’inaa kanaaf dhama’an hundaa galateeffataniiru.

Hidhichi inarjii maddisiisuu qofaa utuu hintaanee faayidaalee gama hedduu akka qabu kaasuun Abbayyaan Ityoophiyaa qofaaf kan kenname utuu hintaanee addunyaaf kan kennameedha jedhaniiru.

Hawaasni addunyaa naannawichaatti bashannanuu akka danda’an ga’umsaa akka qabuu fi sababa hidhichaatiin odoloonni 70 ta’an akka uumamanii eeruun, odolooni 40 hektaara 10 ol akka ta’an, tokkoon tokkoo isaanii hektaara 800 hanga kuma 2 akka uwwisan himan.

Odolli xiqqaan hektaara 5 akka qabaatuu ibsaniiru.

Odoloonnni kunneen naannawaa bashannaanaa ta’uun, taphootota bishaanirraa keessumeessuu fi qurxummii baay’inaan oomishuuf dandeessisa jedhaniru.

Kana malees, fayyadamtoonni ijoon bishaan Abbayyaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Ijibti ta’uu kaasuun, bishaanicha sirnaan itti fayyadamannaan ofirra darbanii obboloota isaanii Afrikaa biroo fayyaduu akka danda’an ibsaniiru.

Afrika keessattis walitti hidhamiinsaa dinagdee uumun waloon misoomuu fi fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuf kan tumsuudha jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.