Fana: At a Speed of Life!

Abbootii fi Dargaggoonni Gaamoo Imala nageenyaa eegalan

Finfinnee, Amajjii 6, 2012 (FBC) – Abbootii fi dargaggoonni Gaamoo imala nageenyaa eegalan.

Marga jiidhaa qabachuun Amajjii 6 kaasee hanga Amajjii 14,2012tti imala waliin jireenyaa fi nagayaa isaanii har’a Aarbaa Mincii eegalaniiru.

Imalichi magaalaa Arbaa Mincii kaasee magaalota addaddaa qaxxaamuruun hanga magaalaa Goondaritti taasifama.

Magaaloota qaxxaamuranii fi keessa boqatanitti nageenyaa fi tokkummaarratti ni mari’atu.

Kaayyoon imalichaa muuxannoo nagaa buusuurratti qaban qoodudha.

Yuunvarsiitiin Arbaa Mincis fakkeenyummaa nageenyarratti qabu kaanif ni qooda.

Imalicha Dhaabbanni Miidiyaa Hibramoongoolii fi Oomootiik Jeneraal kan qopheessan yammuu ta’u, Ministeerri Nageenyaa, Biiroon Aadaa fi Tuuriizimii Amaaraa, Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Kibbaa tumsa taasisaniiru.

Imaltoonni nageenyaa kunneen Masara Mootummaa Biyyaaleessatti argamuun Paarkii tokkummaas kan daawwatan ta’uu Ragaan Qajeelcha  dhimmoota Koominikeeshinii Godina Gaamoo argame ni agarsiisaa.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.