Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin amantaalee garaagaraa fi dargaggoonni iddoolee Afxiraan itti gaggeeffamu qulqulleessan

Finfinnee, Caamsaa 3, 2013 (FBC) – Abbootiin amantaalee garaagaraa fi dargaggoonni iddoolee Afxiraan itti gaggeeffamu qulqulleessaniiru.
Magaalaa Finfinneetti abbootiin amantaalee garaagaraa fi dargaggoonni kumaatamaan lakkaawwaman daandiiwwan Afxiraan itti gaggeeffamu qulqulleessaniiru.
Sirnicharratti itti gaafatamaa waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee obbo Alamaayyoo Ijjiguu, abbootii amantaa garaagaraa dabalatee, hoggantoonni mootummaa, dargaggoonnii fi waldaaleen garaagaraa hirmaataniiru.
Magaalaa Harariittis ayyaana Iid Al Faxirii waggaa 1442ffaa sababeeffachuun hoggantoonni olaanoon mootummaa naannichaa fi abbootiin amantaalee garaagaraa duulaan iddoolee Afxiraan itti gaggeeffamu qulqulleessaniiru.
Saganticharratti Preezdaantii naannoo Hararii obbo Ordiin Badirii dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa fi abbootiin amantaalee garaagaraa argamaniiru.
Duulli qulqullinaa kun naannoo biyyattii garaagaraattis bifuma walfakkaatuun gaggeeffamuu ibsameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.