Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin Gadaa Gujii marsaa 2ffaaf gareen Shanee karaa nagaan akka galaniif waamicha dabarsan

Finfinnee, Muddee 19, 2014 (FBC)- Abbootiin Gadaa Gujii Marsaa 2ffaaf gareen shororkeesitoota Shanee Godina Gujii keessaatti nagaa booreessaa jiran karaa nagaan akka galaniif waamicha dabarsaniiru.

Waamichi darbe kunis nagaa Godinichaaf dursa kennuu fi hojiin misoomaa cimee akka itti fufuuf ta’uu isaa Abbootiin Gadaa kun kan ibsaniiru.

Uummanni Godinichaa hojiirra oolmaa waamicha nageenya Godina Gujii giddu galeessaa godhachuun taasifame milkeessuuf ga’ee isaan irraa eegamu bahuu qabu jechuun dhaamaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjirra Aadaa fi Turiizimii Godina Gujii Obbo Adoolaa Mi’eessaa waamichi Abbootiin Gadaa taasisan kun nagaa fi tasgabbii Godinichaaf ga’ee olaanaa qaba, jiraattonni Godinichaas milkaa’ina waamicha kanaaf tumsuu qabu jechuun dhaamuu OBN gabaaseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.