Fana: At a Speed of Life!

Abuu Daabiitti ho’ina qilleensaan lubbuun namoota 4 darbe

Finfinnee, Hagayya 3, 2014(FBC)- Baatiiwwan lamaan darbanitti Emereetota Araba Gamtoomaniitti ho’i qilleensaa sadarkaa olaanaan dabaluu isaan lubbuun namoota 4f darbuu gabaafame.

Namoota lubbuun isaanii darbe keessaa 3 imaltoota karaan harkaa badeefi deeggarsa yaala fayyaa kan hin arganne yoo ta’u, namni 4ffaan ammoo nama hojii humnaa hojjetu ta’uu Poolisiin Abuu Daabii ibseera.

Warreen lubbuun isaanii darbe keessaa tokko ga’eessa umrii waggaa 50 ta’uufi warreen hafan ammoo dargaggoota umrii waggaa 26 fi 30 lammiilee paakistaan ta’aniifi biyyichatti hojii tikeerratti bobba’an ta’uu Golf News gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.