Fana: At a Speed of Life!

Ada’aa Bargaatti balaa konkolaataan lubbuun namoota 15 darbe

Finfinnee, Fulbaana 18, 2015 (FBC) –Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ada’aa Bargaatti balaa konkolaataa guyyaa har’aa sa’aatti 6:30tti muudateen lubbuun namoota 15 darbuu Waajjira Poolisii Aanaa Ada’aa Bargaa beeksise.

Waajjirichatti Qindeessaan Nageenya Tiraafikaa Itti Aanaa Saajin Adaanaa Disaasaa akka ibsanitti konkolaataa deddeebisa uummataa Magaalaa Incinnii irraa uummata fe’ee gara Aanaa Meettaa Roobii magaalaa Shinootti imaalaa ture Aanaa Ada’aa Bargaa ganda Bishaan Diimootti konkolaataa fe’isaa walharkisuun walitti bu’uun lubbuun namoota 15 darbeera.

Balaa kanaan namoota 30 irra miidhaa cimaa fi namoota 2 irra ammoo miidhaan salphaan kan gahee ta’uu ragaan Kominikeeshinii Aanaa Ada’aa Bargaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.