Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti dhiyeesssiin talaallii vaayrasii koroonaa barnoota, aadaa fi dameewwan tuuriizimii giddugaleessa godhatee jiraachuu qaba

Finfinneee, Eebila 4, 2013 (FBC)-Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii marii boordii raawwii hojii barnootaa, saayinsii fi aadaa dhaabbata  UNESCO 211ffaa viidiyoo koonfiraansii gaggeessaa jira.

Maricharratti Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Injinaar Geetahuun Makuriyaan argamaniiru.

Dooktar Injinaar Geetahuun Makuriyaan  haasaa taasisaniin Ityoophiyaan hojiiwwan barnootaa, saayinsii, aadaa fi tuuriizimiin hojjechaa jirtuu ibsaniiru.

Vaayrasii koroonaa booda damee barnoota irra deebiin banuun tarkaanfii mootummaan fudhateen, damee tuuriziimiitin yaa’insaa turiistootaa akkasumaas naannoo Tigraayitti olaantummaa seeraa kabachiisuuf duula taasifameen walqabsiisee bocaalee UNESCO irratti galmaa’aan ilaalchisee ibsa taasisaniiru.

Dhibba keessaa kan jiru dameen tuurizimii sochoosuuf mootummaan iddoowwan tuuriizimii ijaaruu fi banaa taasisuun hojiiwwan hedduu hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Biyyoota addunyaa hundaatti dhiyeesssiin talaallii vaayrasii koroonaa barnootaa, aadaa fi dameewwan tuuriziimii giddugaleessa godhatee jiraachuu qaba jedhaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.