Fana: At a Speed of Life!

Adeemsa jijjiiramaan bu’aalee damee hundaan galmaa’an itti fufsiisuuf mootummaan ga’umsaa fi kutannoon akka hojjetuu ibsamee

Finfinnee, Bitootessa 22, 2015 (FBC)- Adeemsa jijjiiramaan bu’aalee damee hundaan galmaa’an itti fufsiisuuf mootummaan ga’umsa caaluun, kutannoon akka hojjetu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Ministirri Waamamaa Mootummaa Tasfaayee Beeljigeen ibsan.

Damee siyaasaan hunda hirmaachisuun loogii ture hambisuun, ijaarsi sirna diimookiraasii gaggeeffamaa jiraan cimanii kan itti fufan ta’uu ibsaniiru.

Waggoottan shanan darban damee siyaasaan hojiilee hojjetaman ilaalchisuun akka jedhanitti, gaffilee walqixxummaa, fayyadamummaa haqa qabeessaa fi diimokiraasii waggootaa walakkaa jaarraa ol deebisuuf hojiileen bal’aan hojjetamaniiru.

Kana malees gaaffilee sabummaa, amantaa, afaan, aadaa fi eenyummaa deebisuu hojiilee bal’aan hojjetaman kaasaniiru.

Sarbamni mirga namoomaa fi mirgoota diimokiraasii dhabamuun rakkoolee biroo turuu kaasanii, jijjiiramaan hojiilee hojjetamaniin bu’aalee qabatamaan galmaa’uu hubachiisaniiru.

Jijjiirama hordofees fayyadamummaa diinagdee haqa qabeessaa dhugoomsuuf mootummaan bal’inaan hojjechuu Obbo Tasfaayeen ibsaniiru.

Jijjiiramni biyyaalessaa, siyaasaa walxaxaa, rakkoolee diinagdee fi hawaasummaa Ityoophiyaa mudatan kan ceesise ta’uu eeruun, bu’aaleen dameelee hundaatti galmaa’an cimanii kan itti fufan ta’uu himaniiru.

Kana itti fufsiisuuf, mootummaan ga’umsaa fi kutannoon kan hojjetu ta’uu mirkaneessaniiru.

Jijjiiramichaan, keessumaa damee siyaasaan rakkoolee walxaxoo turanii fi loogdummaa ture hambisuun sirna diimookiraasii hundaa hirmaachise ijaaruuf bu’uura kaa’uu dubbataniiru.

Seenaan filannoo Ityoophiyaas haala addaan filannoo nagaa qabeessaa, walabaa fi diimookiraatawaa gaggeeffamuu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffann

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.