Fana: At a Speed of Life!

Adeemsi kenniinsa Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa milkiin xumurame – Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2015 (FBC) – Adeemsi kenniinsa Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa milkiin xumuramuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Rakkoo bulchiinsaa fi kenniinsa qormaataa furuuf hordoffii cimaa mootummaan taasiseen qormaanni kutaa 12ffaa milkaa’inaan xumuramuu Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birihaanuu Naggaan ibsa laataniin himaniiru.

Rakkoo waggoota muraasaa as kenniinsa qormaataa fi soroorsasaarratti mudataa ture furuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaniin milkaa’iin hedduun argamuu eeraniiru.

Qormaataa Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara barnootaa 2014 fudhachuuf barattoonni kuma 948 fi 322 galmaa’anii kumni 937 qoramuu himaniiru.

Barattoonni sababoota balaa fi da’umsaan qormaaticha hin fudhanne ji’a tokko keessatti kan qoraman ta’uu fi qabxiinis sana booda torban lama keessatti kan ibsamu ta’uu eeraniiru.

Barattoonni kuma 12 Yuuunivarsitoota afuritti qormaata hinfudhannu jedhan bara dhufu akka idileetti fudhachuu kan hindandeenye ta’uu himuun, dhuunfaan qoramuu kan danda’an ta’uu dubbataniiru.

Tigist Birihaanutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.