Fana: At a Speed of Life!

Adwaan Injifannoo addunyaa walga’eedha-Pir. Saahilawarqi

Finfinnee, Guraandhala 3, 2016 (FBC)-Adwaan biyyaa fi Ardiirra darbee injfannoo addunyaa walga’eedha jedhan Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen ibsan.

Sirna eebbaa Yaadannoo Injifannoo Adwaarratti Pireezidanti Saahilawarqi Zawudeen haasawaa taasisaniin, yaadannichi ijifannoo abdii bilisuummaa fi walqixummaa ummatootaa ta’uu ibsan.

Itiyoophiyaan injifannoo kana qabaattee hojiileen seenaa kana gitan hojjetamuu dhabuun kan nama gaabbisisuudhas jedhan.

Har’a seenaa injifannoo Adwaa haala gituun yaadannoon ijaaramuu fi kanneen yaadichaa maddisiisan Ministiraa Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee galateeffataniiru.

Seenaa sirnaan beekuun akkuma Adwaa hojiilee tokkumma cimsanirratti hojjechuun barbaachisaa ta’uus hubachiisan.

Seenaa keessaa luqqisuun walfalmuun, abbaa seenaa olaanaa Adwaa ta’uu keenyaa kan hingitne ta’uu akeekuun, kanaaf seenaa leellisuu qofa utuu hintaanee seenaarraas barachuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Gootonni abbootii yeroos duulaa Adwaarratti hirmaataan kan walitti isaan fidee jaalala biyyaa malee garaagarummaa isaanii akka hintaane eeruun, hunduu kan jaalala biyyaaf dhimmamu ta’uu qaba jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.