Fana: At a Speed of Life!

Afrikaan kennaa hedduun kan badhaatee fi daneessummaan kan guutamtedha – MM Dr Abiy

Finfinnee, Caamsaa 17, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad guyyaa Afrikaa sababeeffachuun ergaa dabarsan.
 
Guyyaan Afrikaa waggaa 57ffaan har’a yaadatamaa jira.
 
Guyyaan Afrikaa waggaa waggaadhan Caamsaa 17 yaadatameet oola.
 
Dooktar Abiy ergaa isaanitiin aardiin keenya kennaa hedduun kan badhaatee fi daneessummaan kan guutamte ta’uu ibsaniiru.
 
Galmi ishees badhaadhina bifa danuu qabudha jedhan.
 
Har’a wayita guyyaa Afrikaa kabajnu Afrikaa barbaannu dhugoomsuuf tokkummaa keenya yaa cimsinuun dhaamaniiru.
 
Guyyaan Afrikaa baranaa mata duree ” Sochii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf taasisnu cimsinee itti yaa fufnu.” jedhuun yaadatameet oola.
 
Guyyichi akka bara Faranjootaa Caamsaa 25,1963 biyyoonni Afrikaa yerichatti walabummaa isaanii gonfatan 32 yaa’ii jalqabaa magaalaa Finfinneetti gaggeessanirratti akka kabajamu kan murteessanidha.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.