Fana: At a Speed of Life!

Afrikaan wabii nyaataan akka of dandeessu dureewwan ishee kutannoon kaaneerra-Pir. Saahilawarqi Zawudee

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2016 (FBC)- Afrikaan oomisha wabii nyaataan akka of dandeessu dureewwan ishee kutannoon kaaneerra jechuun Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen dubbatan.

Pireezidaanti Saahilawarqi imala wabii nyaataan of danda’uu Itiyoophiyaa ilaachisee Pireezidaantii Baankii Misoomaa Afrikaa Akiinwuumaa Adisiinaa waliin waltajjii marii “Borlaag” jedhamurratti mari’ataniiru.

Marii isaaniinis Itiyoophiyaan wabii nyaataa ishee mirkaneeffachuuf imala taasisa jirtu kaasaniiru.

Keessumaa oomisha qamadiin of danda’uurraa darbite gara biyyoota ollaatti erguu eegaluun akka fakkeenyaatti ibsameera.

Akkuma dureewwan Afrikaa, hunduu oomisha nyaataan of danda’uuf kutannoon ka’uu eeranii, yeroo ammaas Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf oomisha qamadiin of dandeessee gara biyyoota ollaatti erguu himan.

Milkaa’inni kunis akka galmaa’uuf Baankiin Misoomaa Afrikaa Ce’umsa Qonnaa Afrikaaf deeggarsa teeknooloojiii taasisuun himaniiru.

Daldalli nyaataa fi Qonnaa Afrikaa bara faranjootaa 2030’tti Doolaara tiriiliyoona 1’tti akka tilmaamamu Pireezidantiin baankii Misoomaa Afrikaa Dooktar Akinwumaa Adeesinaa ibsaniiru.

Dureewwan Afrikaa biyyi isaanii wabii nyaataan akka of danda’anii fi alergitoota oomisha nyaataa akka ta’aniif tattaaffiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Bara Faranjootaa 2050’ttis baay’inni ummata addunyaa biiliyoona 9 akka ga’uu kan tilmaamamu yoo ta’u, fedhii nyaataa Afriikaa dabalaa jiru guutuufis oomishtummaa qonnaa guddisuun akka barbaachisu ibsameera.

Dureewwan biyyoota Afrikaa 34 wabii nyaataa mirkaneessuu fi dandeettii qonnaa ardittii waggoota shan keessatti milkeessuuf karoora qabatamaa fi bu’aarratti xiyyeeffate qopheessuun, dhiyeessii nyaata fi qonnaa deeggaruun akka danda’ame Dooktar Akinwumaan dubataniiru.

Kunis qaama “Tarsiimaa Soorata Afrikaa” baankichaa bara Faranjootaa 2016 eegalame waliin kan walsimu ta’uu ibsaniiru.

Tarsiimichaan namoonni miiliyoona 250 fayyadamtoota teeknooloojiiwwan qonnaa fooya’anii ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbileen tumsitootaas hojiilee wabii nyaataa tumsuuf Doolaaraa biiliyoona 70 ol dhiyeessuu himanii, baankichis waggoottan shanan dhufan deeggarsa Doolaara biiliyoona 10 akka taasisu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.