Fana: At a Speed of Life!

Agarsiisni bunaa idil addunyaa 2ffaan Ityoophiyaatti gaggeeffamuufi

Finfinnee, Muddee 24, 2012 (FBC) – Agarsiisni, koonfaransii fi baazaariin bunaa idil addunyaa 2ffaan Ityoophiyaatti gaggeeffamuufi.

Buna Ityoophiyaa gabaa addunyaatti beeksisuuf asxaan qophaa’e ni ifoomas jedhameera.

Daayreektarri olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Ityoophiyaa Dooktar Addunyaa Dabalaan akka beeksisanitti qajeelfamni bulchiinsa gurgurtaa bunaa gabaa alaas ni ifooma jedhaniiru.

Agarsiisicharratti misoomsitoonnii fi daldaltoonni damee gabaa bunaarratti bobba’an 500 ol ni hirmaatun eegama.

Hirmaattonni biyya keessaa kumni 1 ol, dhaabbileen oomisha isaanii agarsiisan 56 ni hirmaatu jedhameet eegama.

Waltajjichi Amajjii 28 amma 30,2012tti Galma Barkumeetti gaggeeffama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.