Fana: At a Speed of Life!

Ajajaa Olaanaan Humna Lafarraa Raayyaa Ittisaa Leetanaal Jeneraal Asraat Deenneeroon ooyiruu qonnaan Bultootaa Aanaa Paawwii daawwatan

Finfinnee, Fulbaana 20, 2014 (FBC)- Ajajaa Olaanaan Humna Lafarraa Raayyaa Ittisaa Leetenaal Jeeneraal Asraat Deenneeroon godina Matakkalitti ooyiruu qonnaan Bultootaa Aanaa Paawwii daawwataniiru.
Qonnaan bultoonni nageenya naannoo isaanii eeguun cinatti oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf kaka’umsi taasisan kan dinqisiifatamu ta’uu ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni kunneen rakkoon nageenyaa osoo isaan hin daangessiin hojii idilee qonnarratti kan bobba’an ambaasaaddaroota qonnaa qofa osoo hin taane ambasaaddaroota nageenyaas ta’uu ibsaniiru.
Leetenaal Jeneraal Asraat,nageenya kabachiisuuf akkuma waliin hojjettan hojiilee qonnaas waliin misoomsuun diinagdee keessan guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuu qabdu jechuu isaanii ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Matakkal irraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.