Fana: At a Speed of Life!

Ajandaalee biyya diigan qolachuun kan danda’amu tokkummaa cimsuun yoo danda’amedha- Hayyoota

Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – Ajandaalee biyya diigan qolachuun kan danda’amu tokkummaa cimsuun yoo danda’ame ta’uu hayyoonni ibsan.

Ajandaalee biyya diigan diinota keessaa fi alaan dhiyaatan qolachuu fi ittisuun kan danda’amu  tokkummaa biyyaalessaa cimsuun yoo danda’ame ta’uu hayyoonni siyaasaa eeran.

Ajandaaleen keessaa fi alaa dhiyaatan nageenya biyyaa booressuu keessatti ga’ee olaanaa kan qaban ta’uu hayyoonni kunneen Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin turtii taasisan ibsaniiru.

Ityoophiyaanonni duudhaalee tokko isaan taasisan waan qabaniif ajandaa diigumsaa fashaleessaa jiraachuu Yuunvarsiitii Siiviil Sarvisii Ityoophiyaatti qorataan Bulchiinsaa fi Misooma Afrikaa Dooktar Mahaammad Aliin addeessaniiru.

Yuunvarsiitii Baahir Daaritti barsiisaa Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil Addunyaa kan ta’an Dooktar Qaalawangeel Minaalaa gamasaaniin, odeeffannoowwan sirrii ajandaalee farra tokkummaa biyyaa fi nageenyaa ta’an fayyaleessuu danda’an hawasa biraan ga’uun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Ityoophiyaanonni dhimma keessoo isaanii mariin furuun biyyoota diigaman irraa barachuu akka qaban hayyoonni kunneen yaadachiisaniiru.

Almaaz Makonnintu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.