Fana: At a Speed of Life!

Ajjeechaa fi madoo kaleessa magaalaa Burraayyuutti qaqqabeen walqabatee shakkamtoonni 17 to’atamuu Koomiishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise

Finfinnee, Guurandhala 14, 2012 (FBC) – Ajjeechaa fi madoo kaleessa magaalaa Burraayyuutti qaqqabeen walqabatee shakkamtoonni 17 to’atamuu Koomiishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.
 
Koomiishinichi shakkamtoota adamsee kan qabu ta’uu ibseet ture.
 
Koomiishiniin Poolisii Oromiyaa ibsa kaleessa galgalaatiin gochicha kan raawwate humna ABO Shaneetiin hogganamuu fi maqaa WBO fi Abbaa Torbeetiin of waamu jechuun isaa ni yaadatama.
 
Gochichaan lubbuun nama tokkoo yoobdarbu, namoonni sadi madaa’aniiru.
 
Haaluma kanaan sakattaa kaleessarraa eegalee hanga har’a sa’a boodaatti taasise jedheen qaamolee yakkicha qindeessan, ergama haleellaa fudhachuun kan raawwatanii fi haala mijeessan namoota 17 to’annoo seeraa jala oolchuu beeksiseera.
 
Qaamolee sochii farra nageenyaa seeratti dhiyeessuu ittin fufa kan jedhe poolisiin, ummanni hirmaannaa baratame cimsee akka itti fufuuf waamicha dhiyeessera.
 
Qorannoon seeraa qaamolee to’ataman irratti taasifamuu fi tarkaanfii itti fufu ummataaf ni ibsamas jedheera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.