Fana: At a Speed of Life!

Ajjeechaa lammiilee nagaan walqabatee shakkamtoota 15 irratti himanni baname

Finfinnee, Caamsaa 3, 2015 (FBC)- Naannoo Gaambeellaatti ajjeechaa lammiilee nagaa rawwatameera jedhameen walqabatee komishinaroota duraanii poolisii Gaambeellaa fi ajajoota humna addaa dabalatee shakkamtoota 15 irratti himanni baname.

Himaniichi Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa Dhaddacha Yakkaa 1ffaa Farraa Shororkeessummaa fi Dhimmoota Heera Mootummaatti kan baname yoo ta’u, himatamtoonni Gareen Shororkeessaa Shanee fi Paartii Bilisa Baasaa Gaambeellaa walta’uun Waxabjjii 7, 2014 halleellaa Magaalaa Gaambeellaatti raawwaachuun kan yaadatamuudha.

Kanaan walqabatee lammiilee magaalaattii jiraatan eenyumman addaa baasuun, deeggartoota Shaneeti; odeeffannoo kennitaniittu sababa jedhuun namoota nagaa 35 fi lammiilee eenyummaan isaanii adda hinbaanee biroon akka ajjeefaman ajaja kennuu fi ajjeesuun hirmaachuun shakkamanii to’atamuun, qorannoon gaggeeffamaa tureera.

Haalum kanaan dhaaddachaa har’aa ooleen himanni abba alangaan kan irratti baname yoo ta’u, dhaddachichi himata dhiyaate abbaa murtii guutuun akka ilaalamuuf beellaa haa buluun boritti beellameera.

Taariik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.