Fana: At a Speed of Life!

WMO’n Konfiraansii waggaa Finfinneetti gaggeesse

Finfinnee, Caamsaa 17, 2016 (FBC) – Waldaan Misooma Oromiyaa Konfiraansii waggaa Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Addis Katamaatti gaggeesseera.
Waldichi damee barnootaa, Fayyaa fi Misooma Keessatti gahee olaanaa fudhatee dirqamaa isaa bahachaa jiraachuu Walitti Qabaan Boordii Waldaa Misooma Oromiyaa Obbo Abbaa Duulaa Gammadaan dubbataniiru.
Akkasumas waldichii guddinaa biyyaa fi hojiilee misooma biyyaa keessatti hirmaana olaanaa taasisaa jiraachuu ibsuun, miseensonni waldichaa deeggarsa isaanii cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.
Konfiransicharratti Walitti Qabaan Boordii waldichaa Obbo Abba Duulaa Gammadaa ,Daayrektarri Waldicha Obbo Dajanee Itichaa, Hojii Rawwachistuu Kutaa Magaalaa Addis Katamaa Aadde Ayidaa Awwal, Abbootii Gadaa ,Haadholii Siinqee fi keesummoonni waamichi taasifameef biroon argamuu ragaan waajjiira Paartii magaalichaarraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.