Fana: At a Speed of Life!

Ajjeechaan Artiist Hacaaluu bu’aa siyaasatiif raawwatamuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 6,2012(FBC)- Ajjeechaan Artiist Hacaaluu Hundeessaa bu’aa siyaasatiif kan raawwatame ta’uu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksise.

Prees Sakreetaariyaatiin Waajjira Muummee Ministiraa obbo Nugusuu Xilaahuun akka beeksisanitti ajjeechaan artiistichaa qaamolee bu’aa siyaasaa argachuuf karoorfataniin kan raawwatamedha.

Obbo Nugusuun Nafxanyummaan saboota biroo keessa kan jiru ta’us, beekaa Amaaraa qofatti qabamaa jira jedhan.

Kun ammoo beekaa ummata walitti buusuuf kan raawwatamedha jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.