Fana: At a Speed of Life!

Akka biyyatti nageenyaa fi badhaadhina milkeessuu kan dandeessisan dhaabbileen nageenyaa ijaaramaniiru-K/J Dammallaash gabiramikaa’eel

Finfinnee, Caamsaa 4, 2015 (FBC)- Akka biyyatti nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuun badhaadhina yaadamee milkeessuuf kan dandeessisan dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii ijaaramuu Komishinar Jeneraala Dammallaash Gabiramikaa’eel ibsan.

Sagantaan imalaa milkaa’inaa fi jijjiiramaa waggoota shanii Qajeelcha Waliigalaa Ittisa Yakkaa Poolisii Federaalaa gaggeeffameera.

Saganticharrati Komishinar Jeneraal Dammallaasha Gabiramikaa’eel akka jedhanitti, sagantichi kallattiiwwan afran darban Ityoophiyaatti nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuun Raayyaa Ittisaa waliin ta’uun miseensota poolisii wareegamaa lubbuu kaffalan kan itti galateeffamaniidha.

Qajeelchi Waliigalaa Ittisa Yakkaa Poolisii Federaalaa sodaa yakkaa dursee fashaleessuun, erga mudatee ammoo yakkamtoota hordofuun seeraaf dhiyeessuun itti gaafatamummaa ummataan itti kenname ga’umsaan bahachaa jiraachuu ibsaniiru.

Ityoophiyaatti nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuun badhaadhina yaadame milkeesuuf kan dandeessisan dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii ijaaramuu dubbataniiru.

Jijjiiramaan duras amanamummaa Poolisiin Federalaa qabaachaa ture gadaanaa turuu yaadachiisanii yeroo ammaas dhaabbilee poolisii irratti riifoormii hunda galeessa gaggeeffameen raayyaa gahee poolisummaa bahachuu danda’u ijaaruun akka danda’ame ibsaniiru.

Haaluma kanaan Raayyaan Poolisii nageenyaa ummataa mirkaneessuuf itti gaafatamummaa kenname gahumsaan bahachuu dandeessisu akka qabaatu taasifamuu kaasaniiru.

Dameen qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaa dhaabbilee mirga namoomaa dabalatee qorannoo yakkaa ragaan bahameef gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru.

Ajajaa Qajeelcha Waliigalaa Ittisa Yakkaa Ittaanaa Komishinara Jeneraalaa Malaakuu Faantaa gama isaaniin, Poolisiin Federaalaa nageenyaa fi tasgabbii Ityoophiyaaf hanga wareegama lubbuutti kan kaffalan, raayyaa poolisii gootaa ta’uu dubbataniiru.

Raayyaan Poolisii waggoottan darban, rakkoolee nageenyaa mudatan furuuf gurmaa’ina cimaa uumuun ergama mootummaa fi ummataa ga’umsaan bahachaa jiraachuu eeruun, fuuldurattis farreen nageenyaa biyya diiguuf socho’an ittisuu fi sodaalee yakkaa fashaleessuuf hojiileen hojjetaman cimanii kan itti fufan ta’uu mirkaneessuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.