Fana: At a Speed of Life!

Akkaadaamiin qabeenya kalaqa sammuu baname

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2014 (FBC) – Akkaadaamiin qabeenya kalaqa sammuu ifatti banamuu ibsameera.

Abbaan Taayitaa Qabeenya Kalaqa Sammuu Ityoophiyaa deeggarsa Dhaabbata Qabeenya Kalaqa Sammuu Addunyaarraa argateen Akkaadaamii qabeenya kalaqa sammuu banuu ibsameera.

Akkaadaamichi Qabeenya Kalaqa Sammuurratti hubannoo uumuuf ga’ee olaanaa qabaachuu eerameera.

Qabeenyi kalaqa sammuu itti fufiinsa kan qabuu fi misooma bal’aa jajjabeessuun kalaqaa fi guddina diinagdee beeksisuurratti shoora olaanaa qabaachuu Daayrektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Qabeenya Kalaqa Sammuu Ityoophiyaa Dooktar Eermiyaas Yamaanabirihaan ibsaniiru.

Akkaadaamiin Qabeenya Kalaqa Sammuu banamuun sadarkaa guddina biyyaa fi ga’umsa kalaqaa kan guddisu ta’uu eeruu ragaan abbaa taayiticharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.