Fana: At a Speed of Life!

Amaanu’eel Isaayyaas gulantaa Inistiraaktarummaa Idil Addunyaa kubbaa saaphanaa argatan

Finfinnee, Mudde 30, 2015(FBC)-Federeeshiniin Kubbaa Saaphanaa Idil Addunyaa Amaanu’eel Isaayyaasiif gulantaa Inistiraaktarummaa Idil Addunyaa tapha kubbaa saaphanaa kenne.

Haaluma kanaan Insitiraaktar Alamaayyoo Shawataaxaqitti aansuun lammii Ityoophiyaa gulantichaa argatan ta’aniiru.

Inistiraaktar Amaanu’eel yeroo ammaa leenjisummaa tapha kubbaa saaphanaan waraqaa ragaa sadarkaa 3ffaa kan qaban ta’uu ragaan federaashinicharraa arame ni mul’isa.

Leenjisaa Amaanu’eel sadarkaa idil addunyaatti kan kennaman leenjiiwwan gulantaa 1ffaa hanga 3ffaatti fudhachuun kan xumuranii fi dabalataan leenjiiwwan addaa garaagaraa hordofuun eerameera.

Yeroo ammaa leenjisaa olaanaa Walaayittaa diichaa ta’uun tajaajilaa jiraachuu TOI gabaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.