Fana: At a Speed of Life!

Amb. Leencoo Baatiin Saa’ud Arabiyaatti dhaabbilee damee albuudaarratti bobba’an waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 24, 2015 (FBC)- Saa’ud Arabiyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Leencoo Baatiin abbootii qabeenyaa fi hoggantootaa dhaabbilee invastimantii albuuda baasuurratti bobba’aan Dhaabbata Alnamir fi Ayaadi Al Atoobii waliin mari’atan.

Marii isaaniin, Ambaasaaddar Leencoon, Ityoophiyaatti filmaatawwaan invastimantii bal’aa, kuufamaa qabeenya albuudaa Pootaashii, Warqee fi kanneen biroo argaman ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Kana malees, dameewwan teeknooloojii garaagaraarratti akka bobba’aniif gaafataniiru.

Abbootiin qabeenyaa biyyattis ibsaa fi simaannaa taasifameef galateeffachuun, damee invastimantii Warqee, teeknooloojii fi xaa’oo oomishuurratti bobba’uuf fedhii qabaachuu eeraniiru.

Dhiyeenyattis gara Ityoophiyaa dhufuun dameewwan kanneen irratti qorannoo invastimantii akka gaggeessan waadaa galuu ragaan Saa’ud Arabiyaatti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.