Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon Itti Aanaa Pireezidaantii Sagantaa Nyaataa addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 15, 2015 (FBC) – Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon Itti Aanaa Pireezidaantii Sagantaa Nyaataa addunyaa Kaaril Iskaawu waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Burtukaan deeggarsa dhaabbatichi Ityoophiyaaf yeroo garaagaraatti taasiisaa ture galateeffataniiru.

Ityoophiyaa fi dhaabbatichi hariiroo gaarii bara dheeraa lakkoofsise qabaachuu ibsaniiru.

Ityoophiyaan hariiroo dhaabbata Sagantaa Nyaataa Addunyaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf murannoo qabaachuu Ambaasaaddar Burtukaan eeraniiru.

Dhaabbatichi lammiilee Ityoophiyaa sababa waraanaa fi hongeen miidhamaniif deeggarsa barbaachisu akka taasisu gaafataniiru.

Itti Aanaan Pireezidaantii Sagantaa Nyaataa addunyaa Kaaril Iskaawu gama isaaniin dhaabbatichi deeggarsa taasiisuu itti fufuuf tattaaffii barbaachisu taasiisaa jiraachuu kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.