Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Dammituu Hambiisaan preezdaantii koree nageenyaa paarlaamaa Rippabilikii Xaaliyaan waliin mari’atan

Finfinnee, Adooleessa 27, 2013 (FBC)- Xaaliyaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dammituu Hambiisaan preezdaantii koree nageenyaa paarlaamaa Rippabilikii Xaaliyaan Adoolfoo Urisoo waliin haala waqtaawaa Ityoophiyaarratti mari’ataniiru.

Turtiisaaniin haala qabatamaa naannoo Tigraayii, Ganfaa Afrikaa akkasumas hidha haaromsaa guddichaarratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddarittin naannoo Tigraayitti deeggarsa namoomaa waliin gahuuf hojii mootummaan gamaasaatin raawwataa jiru, naannichaatti nageenyaa waaraan akka hin jiraannee fi deeggarsi akka hin qaqqabneef sochii badii gama garee shororkeessaa ABUTn jiruurratti preezdaantichaaf ibsa taasisaniiru.

Preezdaantichis gama isaaniin haala waqtaawaa naannoo Tigraayirratti dhugaa jiru akka hubataniif ibsa taasifameefis galateeffataniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.