Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Dooktar Shifarraaw Taklamaariyaam gita isaanii Aljeeriyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2013 (FBC) – Afrikaa Kibbaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dooktar Shifarraaw Taklamaariyaam gita isaanii Aljeeriyaa Rashiid Nanloonas waliin dhimmoota waloorratti mari’atan.
Ambaasaaddar Dooktar Shifarraaw Taklamaariyaam duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu naannoo Tigraayitti gaggeeffame ilaalchisee Afrikaa Kibbaatti Ambaasaaddara Aljeeriyaa Rashiid Nanloonasiif ibsa taasiisaniiru.
Miidiyaaleen idile addunyaa karaa sirrii hin taaneen gabaasa dhiyeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Afrikaa Kibbaatti Ambaasaaddarri Aljeeriyaa Rashiid Nanloonasiif gama isaaniin haala jiru itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu ibsaniiru.
Biyyi isaanii nagaa fi tasgabbii Ityoophiyaaf xiyyeeffannoo olaanaan kan laattu ta’uu ibsaniiru.
Gufuu adeemsa marii sadee Hidha Haaromsaa muudate ilaalchise waliin mari’ataniiru.
Weerara daangaa Sudaan Ityoophiyaarraatti raawwatte ilaalchisee dhimmichi mariin furamuu akka qabu kaasaniiru.
Ambaasaaddaroonni lameen hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf iddoo jiranitti hojjechuuf waliigaluu isaanii ragaan Afrikaa Kibbaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.