Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Hadaraa Abarraan Ambaasaaddaroota teessoo isaanii Akiraa taasisaan waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 17, 2013 (FBC)- Akiraatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Hadaraa Abarraan gita isaanii Ruwaandaa Dooktar Eesaa Kiirboo fi raawwachiisa dhimma Laayibeeriyaa Alii E Maasaawiik waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Hadaraa Abarraan haala waqtaawaa Ityoophiyaarratti ibsa taasisaniiru.

Kanaafis haala Naannoo Tigraa, filannoo marsaa 6ffaa gaggeeffamuuf  haqaa qabeessaa akka ta’uuf qophii taasifamee, waldhabee daangaa Ityoo-Sudaan mariin akka hiikamuuf tattaaffii taasifamee, mareen sadeenii Hidha Haaromsaa Guddicha marsiisummaa Gamtaa Afrikaatin gaggeeffamuu keessaatti Ityoophiyaan hundi fayyadamaa ta’uuf ejjennoosheen qabdu ibsaniiru.

Ambaasaaddaroonni kunneen dhimmoota eerramaan irratti hubaannoo barbaachiisaa kan qabatanii ta’uu fi waloon hojjeechuufi deeggarsa taasisuuf qophii ta’uusaanii ragaan Waajjira Dubbi Himaa Ministeera Dhimma Alaarra argamee ni  muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.