Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Mizgaanuun Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 22, 2015 (FBC) – Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mizgaanuu Argaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Zyii’oo Zyiiyuu’aan waliin mari’ataniirtu.

Dhimmoota hariiroo biyyoota lamanii cimsanirratti mari’achuu isaanii ibsameera.

Ministirri Alaa Chaayinaa haaraan aangotti dhufanii jalqabaaf Ityoophiyaatti daawwannaa taasiisuun isaanii hariiroon biyyoota lamaanii cimaa ta’uu mul’iftuu ta’uu marii isaaniin kaasaniiru.

Abbootiin qabeenyaa Chaayinaa hojiilee misoomaa Ityoophiyaarratti akka hirmaatan Ambaasaaddar Mizgaanuun ibsaniiru.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Zyii’oo Zyiiyuu’aan Chaayinaan hariiroo waloo fi dhimmoota naannawaarratti tumsa Ityoophiyaa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu mirkaneessuu ragaan Ministeera Dhimmaa Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.