Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Nabiil Ajejaa Olaanaa Raayyaa Ittisaa Sudaan Kibbaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 20, 2013 (FBC) – Sudaan Kibbaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Nabiil Maahiddiin Ajejaa Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Sudaan Kibbaa Jeneraal Saantiinoo Dangi Wal waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Nabiil haala Waqtaawaa naannoo Tigraay, dhimma waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaan, marii sadee hidha haaromsaa fi filannoo marsaa 6ffaa bara kana gaggeeffamu ilaalchisee ibsa laataniiru.
Jeneraal Saantiinoo Dangi Wal gama isaaniin hariiroo gaarii biyyoota lamaanii dinqisiifachuun, deeggarsi Ityoophiyaan Sudaan Kibbaaf taasiifte yoomiyyuu kan hin dagatamne ta’uu dubbataniiru.
Sudaan Kibbaa humnoota faallaa faayidaa Ityoophiyaa ta’an waliin kan hin dhaabbanne ta’uu mirkaneessuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.