Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Saamiyaan Dohaatti Ambaasaaddara Sudaan waliin dhimmoota waloorratti mari’atan

Finfinnee, Amajjii 3, 2013 (FBC) – Kuwaataritti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Saamiyaa Zakaariya Dohaatti Ambaasaaddara Sudaan Abdalraahiim Alsiidiig Mohaammad waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

Duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu, haala waqtaawaa daangaa Ityoo – Sudaan, marii sadee Hidha Haaromsaa fi haala hariiroo biyyoota lamaanii cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Saamiyaan duula olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeeffamee fi haala yeroo ammaa ilaalchisuun ibsa laataniiru.

Dhimmi daangaa Ityoo – Sudaan dhimma baroota dheeraa lakkoofsisee fi furmaata osoo hin argatin har’a ga’e ta’uu ibsaniiru.

Taatee tibba darbe naannoo daangaa biyyoota lamaanitti muudate furuuf hojjechuun barbaachisa jedhan.

Dhimmi hidha haaromsaan giddugalummaa qaama alaa osoo hin barbaachisne rakkoo Afrikaaf furmaata  Afrikaa sagantaa jedhuun furamuu akka qabu marii isaaniin kaasaniiru.

Misiyoonnoon lameen hariiroo ummataa cimsuuf waltajjiiwwan ummataa, aadaa, Tuuriizimii, Invastimantii fi agarsiifni garaagaraa qophaa’uu akka qabu waliigaluu isaanii ragaan Dohaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni agarsiisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.