Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Shifarraaw ministira Dhimma Alaa Sudaan waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 10, 2012 (FBC) – Sudaanitti Ambaasaaddar Shifarraaw Jaarsoon ministira Ministeera Dhimma Alaa Sudaan Asmaa Mahaammad Abdallaa waliin mari’atan.

Turmaata isaanitiin hariiroo biyyoota lamaanii daran gama hundaan cimsuurratti mari’ataniiru.

Koree waloo biyyoota lamaanii, koomiishinii waloo fi waltajjiiwwan marii birootin hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti ceesisuuf sosochii taasisuun barbaachisaa ta’uu mari’ataniiru.

Ityoophiyaa fi Sudaan misoomaa fi loojastiiksiin walitti hidhuun guddina diinagdee mirkaneessuun ni barbaachisas jedhan.

Ityoophiyaan buufata Sudaan(Poort Suudaan) daldala alaa fi keesoof akka fayyadamtu, suphaan daandii Gadariif – Matammaa fi Loogiyaa – Humaraa akka hojjetamu ministirittiin akka tumsan Ambaasaaddar Shifarraaw gaafataniiru.

Nageenyi lammiilee akka mirkanaa’u, eeyyama jireenyaa fi hojii akka argatan, waliigalteen hojjettoota walirraa fudhachuu akka raawwatamu ni hojjennas jedhan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.