Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Silashiin Pirofeesaroota Yuunivarsiitiiwwan Ameerikaa garagaraarraa walitti baba’an waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2014 (FBC) – Ameerikaatti Ambasaaddarri Ityoophiyaa Dooktar Injiinara Silashii Baqqalaan Piroofeesaroota Yuunivarsiitiiwwan Ameerikaa garagaraarraa walitti baba’an 25 waliin mari’ataniiru.

Ambaasaddar Dooktar Silashiin dhimmoota diinagdee, hawaasummaa fi aadaarraatti marii waligalaa hayyoota waliin taasisuu kan eeran yoo ta’u, keessumaa balaawwan umamaa, walitti bu’iinsa, hanqina nyaataa fi godaansarratti yaada waljijjiiruu kaasaniiru.

Rakkooleen kunneen dhiibbaa hawaasarran ga’an hir’isuu fi furuuf yaadonni furmaataa ka’uu ibsameera.

Hawaasni diyaasapooraa Ameerikaatti argamus hariiroo biyyoota lameen gidduu gama cimsuutiin gahee isaan bahachaa jiran hubachiisaniiru.

Hayyoonni kunneen Ityoophiyaanota dabalatee milkaa’ina Afroo-Ameerikaa kaasanii, Ameerikaatti gahee isaan irraa eegamu bahachuuf qophii ta’uu himaniiru.

Ambaaaaddar Dooktara Injiinar Silashiin, hayyoonni kunneen waa’ee Ityoophiyaa fi dhalattoota Ityoopiyaa Ameerikaa jiraatanii beekuuf hawwii qaban dinqisiifatanii, hariiroon akkanaa michummaa biyyotaa fi walta’iinsa cimsa jechuu isaanii ragaan Ministeera Dhima Alaarraa argame ni mul’isa.

Yuunivarsiitiwwan Ityoophiyaa fi Ameerikaa gidduutti sagantaawwan gam-lameenii, hojiilee qorannoo waliinii fi waljijjiirraa muxannoo barattoota gidduutti gaggeessuun faayidaa olaanaa kan qabu ta’unis eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.