Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Taayyeen gita isaanii Saa’ud Arabiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 16, 2016 (FBC) –Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen gita isaanii Saa’ud Arabiyaa Faayisal Biin Farhaan Al Saa’ud waliin mari’ataniiru.
Tumsa biyyoota lamaanii gama Dippiloomaasii, nageenyaa, Diinagdee fi hawaasummaan jiru caalmaatti cimsuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’ataniiru.
Itiyoophiyaan hariiroo bara dheeraa Saa’ud Arabiyaa waliin qabdu sadarkaa caalutti guddisuuf fedhii olaanaa qabaachuu Ambaasaaddar Taayyeen eeraniiru.
Itiyoophiyaan hariiroo dippiloomaasii Saa’ud Arabiyaa waliin qabdu caalmatti cimsuuf hojiin hojjetaa jirtu kan dinqisiifamu ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Saa’ud Arabiyaa Faayisal Biin Farhaan Al Saa’ud ibsaniiru.
Saa’uud Arabiyaan hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf fedhii qabaachuu kaasaniiru.
Itiyoophiyaan Gaanfa Afrikaatti nageenya waareessuuf hojii hojjetaa jirtu Saa’ud Arabiyaa itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu himuun, hojiin kun cimee akka itti fufu gaafataniiru.
Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf Saa’ud Arabiyaan qophii qabaachuu dubbachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.