Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraatti Ityoophiyaa bakka bu’an Hidha Haaromsaa daawwatan

Finfinnee, Qaammee 4, 2012 (FBC) – Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraatti Ityoophiyaa bakka bu’an Hidha Haaromsaa Guddicha Ityoophiyaa daawwataniiru.
 
Ambaasaaddaroonnii fi Qoonsiloonni biyyoota garaagaratti Ityoophiyaa bakka bu’an waltajjii waggaa ambaasaaddarootarratti hirmaataa turan haala Hidhaan Haaromsicha irratti argamu daawwataniiru.
 
Hojii gaggeessaa olaanaan Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa Injiinar Kiflee Horoo haala waliigala ijaarsa Hidhichaa ambaasaaddaroota kanneeniif ibsa taasisaniiru.
 
Haala waliigala hidhichaa hunda naanna’uun daawwataniiru.
 
Ijaarsi hidhichaa sadarkaa kanarra ga’ee arguu isaaniifi gammaduu Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii duraanii Raashiyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa yeroo ammaa ambaasaaddar Alamaayyahu Taganuu ibsaniiru.
 
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergaman addaa Ityoophiyaa ambaasaaddar Taayyee Itsiqasillaasee gama isaaniin daawwannichatti gammaduu eeruun, Hidhaan Haaromsaa kun gatii dafqaa fi tokkummaa Ityoophiyaanootaati jedhan.
 
Ityoophiyaanoota biyya alaa ijaarsa isaaf gumaata taasisaa turaniif hiikoo guddaa qabaachuu ambaasaaddaroonni kunneen eeraniiru.
 
Hayilamikaa’eel Deebisaatu gabaase
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.