Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddaroota biyyoota Awrooppaa fi Ameerikaa teessoo isaanii Finfinnee godhataniif ibsi laatame

Finfinnee, Caamsaa 17, 2012 (FBC) – Ambaasaaddaroota biyyoota Awrooppaa fi Ameerikaa teessoo isaanii Finfinnee godhataniif dhimma Hidha Haaromsaarratti ibsi laatame.
 
Ibsichi Ministeera Dhimma Alaa FDRI fi Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii FDRI waliin qindoominaan kan qophaa’e ta’uun ibsameera.
 
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachawii fi Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii FDRIrraa ammoo Injiinar Geediyoon Asfaaw ibsicha laataniiru.
 
Sadarkaa marii dhimma hidhichaarratti Ityoophiyaa, Gibtsii fi Sudaan taasisaa turaniirratti ibsichi laatameera.
 
Hidhi Haaromsaa deeggarsa ummataatin kan ijaaramaa jiru ta’uun ibsamee, sadarkaa gaarirra jiraachunis eerameera.
 
Torbee darbe ibsi walfakkaataan ambaasaaddaroota biyyoota Afrikaa, Eezhiyaa Paasifiikii fi Baha Jiddugaleessaa teessoo isaanii Finfinnee godhataniif kennamuun ni yaadatama.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.