Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan Turkirra qoqqobbii keesse

Finfinnee, Muddee 6, 2013 (FBC) – Ameerikaan miseensa Neetoo (NATO) kan taate Turkirra qoqqobbii kaa’uu beeksiifte.
 
Qoqqobbichi Ankaaraan bara darbe Misaa’eela furguugamaa Raashiyaa irraa bituu ishee hordofee ta’uu eerrameera.
 
Akka ibsa Ameerikaatti Misaa’eelli kun teeknooloojii NATO waliin kan walsimatuu miti.
 
Misaa’eelli S 400 jedhamu kun gamtaa NATOf balaa ta’uu Ameerikaan ibsiteerti.
 
Qoqqobbiin ammaa kun Turkiin bittaa meeshaalee waraanaa fi dhimmoota walqabatan akka hin raawwanne kan dhorku ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa beeksiseera.
 
Turkiin gama isheen dhorkamni kaa’ame fudhatama kan hin qabne ta’uu fi Ameerikaan dhimmicha akka itti yaaddu gaafateerti.
 
Dhimmicha dippiloomaasiin hiikuuf kan yaallatu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa biyyatti ibseera.
 
Maddi:-BBC
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
 
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.