Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti guyyaa tokkotti namoonni 74,500 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee,Adoolessa 10, 2012 (FBC) – Ameerikaatti lakkoofsi namoota guyyaa tokkotti vaayrasii koroonaan qabamanii daraan dabaluu himame.
 
Biyyattiitti guyyaa tokkotti namoonni 74,500 vaayrasichaan qabamuu himameera.
 
Kunis erga weerarri vaayrasichaa muudatee as Ameerikaatti isa olaanaa ta’uu ibsameera.
 
Akka ragaan Yuunvarsiitii Joons Hoopkiins muul’isutti Ameerikaatti waliigala Lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qamabanii miiliyoona 3 fi kuma dhibba 6 fi kuma 95 ol ga’eera.
 
Namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 41 fi 118 ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Addunyaarratti waliigala namoota miiliyoona 13 fi kuma dhibba 9 fi kuma 53 ol vaayrasichaan qabaman keessaa namoonni kumni dhibbi 5 fi kumni 92 fi 778 lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Namoonni miiliyoonni 8 fi kumni dhibbi 2 fi kumni 85 ol dhibicharraa dandamataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.