Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miliyoona 1 guute

Finfinnee, Eebila 21, 2012 (FBC) – Ameerikaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miliyoona 1 guute.

Lakkoofsi namoota baatii muraasa keessatti vaayrasichaan du’anii ammoo lammilee Ameerikaa lola Viyeetnam kan waggoota dheeraa ture irratti du’an caalee jira.

Lola waggoota 20 jala siquuf ture kanarratti namni du’e 58,220 yoo ta’u kan vaayrasii koroonaan baatilee muraasa keessatti ajjeese 58,300 darbee jira.

Akka ragaa yuunivaarsitii Joons Hoopkinsitti yeroo ammaa biyyattiin nama vaayrasichaan qabaman 1, 012,400 qabdi.

Akka gabaasa BBCtti Kun lakkoofsa waliigalaa namoota addunyaarratti vaayrasichaan qabaman keessaa tokko sadaffaadha.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.