Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti qorri waqtii gannaa hammaachuun lubbuun namoota 12 darbe

Finfinnee, Mudde 15, 2015(FBC)- Ameerikaatti qorri waqtii gannaa hammaachuun lubbuun namoota 12 darbuu gabaafame.

Biyyattii bakkeewwan tokko tokkotti hangi qorraa digirii seentigireedii 0 irraa hanga -45tti gadi bu’uu BBCn gabaaseera.

Dambalii cabbii waqtii  gannaa irraan kan ka’e lammiilee miiliyoona 1.5 jalaa dhiyeessiin humna elektirikaa addaan cituu ibsameera.

Dambalichi kallattiinis ta’e al-kallattiin lammiilee biyyattii miiliyoona 200 irratti dhiibbaa geessisuu eerameera.

Dambaliin cabbie kun Ameerikaa bulchiinsa Teeksaas irraa eegale hanga Kaanaadaa Kiyuubeekitti Kiiloomeetira kuma 3 fi200 uwwisuu ibsameera.

Bulchiinsonni Ameerikaa hedduun haala qilleensaa baayyee dilallaa’aa keessa kan jiran yoo ta’u, bakkeewwan tokko tokkos ofeeggachiisa dambalii gannaa keessa seenuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.